Oromoo

Minnesota Bilingual Seals (MN SEALS)n beekamtii barnootaa ofishaala tahee seera bara 2014 bahe jalatti Learning English for Academic Proficiency and Success (LEAPS) Act’n tumameen. Chaappaan ykn ragaan afaan lama beekuu kun kan kennamu eebbifamtoota mana barnootaa sadarkaa lammaffaa Minnesota kanneen sadarkaa dandeettii afaan addunyaa tokkoo guutanii fi qabxii Aartii Afaan Ingiliffaa eebbaaf barbaachisu xumuraniif.

Chaappaan kun dandeettii afaanii fi aadaa gidduutti barataa tokkoof beekamtii kan kennu yoo ta’u, iyyannoo kolleejjii fi carraa hojii bal’isuu dandaha. Chaappaan barattootaaf qabxii kolleejjii bilisaa argamsiisuu danda'a. Chaappaan kun naannoo keenya keessatti afaanota hedduufi quunnamtii aadaalee gidduutti ni jajjabeessa.

Marsariitiin kun barattoota, warra, barsiisotafi, bulchitootaaf waa’ee Chaappaa Minnesota Bilingual Seals odeeffannoo kan kennu yoo ta’u, kaayyoon isaas carraa walqixaafi qaqqabummaa badhaasa kanaa uumuudha. Marsariitiin kun qaamolee Title VI Language Resource Center, Center for Advanced Research on Language Acquisition (CARLA) kan  Yunivarsiitii Minnesotaafi, Waajjira Barnootaa Minnesota waliin tahuudhaan kan deggerameedha.